Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa atileetota duula birmadummaarratti hirmaataniif beekamtii kennuu ibsame.
Federeeshinichi yaa’ii idilee waliigalaa 25ffaa gaggeessaa jiraachuu ibsameera.
Yaa’icharratti Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa, Preezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Atileet Daraartuu Tulluu fi miseensonni yaa’ichaa hirmaataniiru.
Federeeshinichi yaa’icharratti atileetota duula birmadummaa biyyaa kabachiisuuf gaggeeffamerratti hirmaataniif beekamtii laateera.
Atileet Gazzaany Abarraa, Atileet Maarqoos Gannatii, Atileet Faantuu Miigeesoo, Atileet Hayilee Gabrasillaasee fi Atileet Fayisaa Leellisaaf beekamtiin kennamuu ragaan Federeeshinicharraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.