Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Kilaboonni Priimeyar Liigii Ityoophiyaa keessatti hirmaatan taphattoota alaa 3 ol mallatteesiisuu akka hin dandeenye murtoo dabarsuu beeksiiseera.
Federeeshinich taphoota dorgommii Priimeyar Liigiii Ityoophiyaa bara 2014tiif kilaboonni kamiiyyuu taphattoota alaa 3 ol mallatteesiisuu akka hin dandeenya murtoo dabarseera.
Seera kana dura tureen Kilabni tokko taphattoota alaa hanga 5 mallatteessiisuu danda’u ture.
Tapha bara 2014 keessatti garuu taphattoota alaa 3 qofa mallatteessifachuun akka danda’amu hojmaanni ifoomuu himameera.
Dabalataan kilaboonni Liigii olaanoo biyyaalessaa keessatti hirmaatan taphattoota alaa kamiiyyuu mallatteessifachuu akka hin dandeenye murtaa’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.