FBC’n badhaafamuun hawaasaaf daran akka hojjennu amaanaa fi haamileedha-Obbo Admaasuu Daamxoo

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Faanaa Biroodkaastiingi koorporeet badhaafamuun hawaasaaf daran akka hojjennu amaanaa ta’uu fi kan haamilchiisuudha jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaa FBC Obbo Admaasuu Daamxoon.

Sirni miidiyaaleef beekkamtii Tajaajilli Kominikeshinii Mootummaa Qopheesse bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Haaluma kanaan Miidiyaalee faayida biyyaalessaaf hojjetan keessaa Damee Miidiyaa Daldalaan Faanaa Biroodkaastingi Koorporeet (FBC) badhaafamaa Waancaa fi waraqaa ragaa ta’eera.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan FBC Obbo Admaasuu Daamxoon, badhaasichi kan hojjettootaa, dhaggeeffattootaa fi daawwattooti jedhan.

Gaazexeessummaan, dhugaa fi beekumsarratti hundaa’ee egereef hojjechuu akka ta’ee kan himan Obbo Adimaasuun, dhugaa kana hubachuun yoo hojjetaan seenaa keessatti kan yaadataman , yoo dagatan ammo seenaa keessatti kan komataman ta’uu eeraniiru.

“Hanguma xiqqoo carraaqneen, waan gaarii hojjettaniittu jedhamuun badhaafamuun keenya, egeree keenya bareechuun itti gaafatamummaa dachaa kennee fi haamilee guddaadha” jedhaniiru.

Hiikkoon badhaasichaa ogummaa kabajuu, ogummichi biyyaaf akka oolu, biyya jechuun ammoo dhaloota egeree ta’uu akka beeknuu fi xurree kan argisiisuu ta’uu himan.

“Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetis saffisa jireenyaan, ummataaf hojjeta; ummatarraa odeeffannoo fudhatee ummataaf deebisee kenna” kan jedhanii kallattii garaagaraan televiizhinii, raadiyoo fi dijitaalaan hawaasaaf daran akka hojjennu amaanaa ta’uu fi kan haamilchiisuudha jedhaniiru.

Odeeffannoo bal’aa keessaa dhugaa ummata ijaaru, seenaa keessatti kan ittiin yaadatamnu hojjechuu qabna jedhanii, kanaaf ammoo beekumsa dhugaarratti hundaa’e haamiledhaan, ummataaf jiraachuu fi ummata keessa jiraachuu barbaachisa jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment