FBC fi Yuunivarsitiin Naannoo Oromiyaa Waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Faanaa Broodkaastiingi Koorporeetii fi Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa waliigaltee waliin hojjechuuf dandeessisu mallatteessaniiru.

Yuunivarsiitichi adeemsa baruu fi barsiisuun ijaarsa dandeettii hoggantootaa fi hojjettoota naannoorratti, ijaarsa hojii jijjiiramaa dhaabbilee fi dhaabbilee miti mootummaarratti kan xiyyeeffatu ta’uun ibsameera.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Naanno Oromiyaa Obboo Garramuu Hulluuqaa, yuunivarsiitichi qorannoo fi qo’annoorratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Yuunivarsiitichi Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin hojjechuun, tajaajiloota kennaman naannawaalee birootti qaqqabsiisuu fi beeksisuuf carraa kan uumu ta’u dubbataniiru.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Obbo Admaasuu Daamxoon gama isaaniin, Faanaan odeeffannoo qulqullaa’aa fi amanama hawaasaaf dhiyeessuuf carraaqaa jiraachuu ibsan.

Kanaafis yuunivarsiisticha waliin hojjechuun gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa waggoota ja’aan dura Inistitiyuutiirraa gara yuunivarsiitiitti kan guddateedha.

Maahileet Takilabirhaantu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment