FBC fi Yuunivarsitiin Goondar Raadiyoo Hawaasaa ijaaruuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC)- Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetii fi Yuunivarsiitiin Goondar Raadiyoo Hawaasaa ijaaruuf waliigaltee mallatteessan.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan FBC Obbo Admaasuu Daamxoo wayita waliigalticha mallatteessanitti, Faanaan, Yuunivarsiiticha waliin hariiroo yeroo dheeraa qabaachuu fi fuuldurattis daran walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsan.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet hawaasa Silxee fi Yuunivarsiitii Dirree Dhawaaf Istuudiyoo raadiyoo hawaasummaa sadarkaa isaa eeggate ijaaruu yaadachiisanii, Yuunivarsiitii Goondariifis Istuudiyoo teeknooloojiiwwan ammaayawaan deeggaramee fi tajaajila egeree giddugaleeffate ijaaruuf waliigalteerraa ga’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Goodar Dooktar Asraat Atsadawayiin gama isaanii FBC’ waliin hojjechuun kan jalqabaa akka hintaane eeruun, pirojektoota bal’aa qabamanirratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuutti gammaduu ibsaniiru.

Yuunivarsitichi dameewwan ogummaa garaagaraan tajaajiloota hawaasummaa gumaachuuf kan tumsu ijaarsa istuudiyoof waliigaltee mallatteessuun, daran walta’iinsaan hojjechuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniru.

Mulugeetaa Dasseetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment