FBC fi Inistiityuutiin Artefishaalii Intalajansiin waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Mudde 20, 2015 (FBC) – Faanaa Biroodkaastiing Korporeetii fi Inistiityuutiin Artefishaalii Intalajansiin waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Dhaabbileen lamaan dameewwan garaagaraarratti tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Dhaabbanni yeroo dhiyoo hundaa’e kun qabiinsa ragaa biyyaalessaa sirna akka qabaatu hojjechaa jiraachuu Daayreektarri Olaanaan Inistiityuutii Artefishaal Intalajansii Injiinar Warquu Gaachannaa ibsaniiru.

Waliigalteen Faanaa Biroodkaastiing Korporeet waliin taasiifamen hojii kanaaf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeet Obbo Admaasuu Daamxoon gama isaaniin Inistiityuutii Artefishaalii Intalajansii Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif deeggarsa addaa taasiisaa turuu himaniiru.

Salamoon Yittaayewutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment