FBC fi BBO’n Istuudiyoo ammayyaa ijaaruuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC)-Faanaa biroodkaastiingi Koorporeetii fi Biiroon Barnootaa Oromiyaa Istuudiyoo Poodkaastii ammayyaa ijaaruuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltichas Hoji Raawwachiisaa FBC Obbo Admaasuu Daamxoo fi Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon mallatteessaniiru.

Biyyi dhalootaan, dhallonni ammoo barnootaan kan ijaraamu ta’uu kaasuun kunis dhaabbata tokko qofaan akka hinmilkoofne Obbo Admaasuun ibsaniiru.

Gama kanaan miidiyaan itti gaafatama olaanaa qabu ta’uu himanii, Faanaanis waggoottan darban adeemsa dhalootaa ga’umsa qabu horachuu keessatti gumachaa taasisaa itti fufu himaniiru.

Waliigalteen har’aa mallatteeffamees kanaan kan walqabatudha jedhaniiru.

Faanaan Istuudiyoowwan ammayyaa’oo ijaaruun muuxannoo olaanaa qabaachuu kan yaadachiisan obbo Admaasuun, istuudiyoo sadarkaa isaa eeggatee kan biirichii dhalootaa biyya isaa jaallatu, fayyaduu fi dorgomaa ta’e qaruuf gargaaru ijaaruuf miiraa abbummaan kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.

Dooktar Tolaa Bariisoon gama isaaniin, dhaabbata dhaga’amtumma qabu, dhaqqabamaa fi ummata barsiisu waliin waliigaltee mallatteesuutti gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.

Seektarri barnootaa hirmaannaa ummataa bal’aa kan gaafatu ta’uu himanii, kana mlikeessuufis miidiyaan murteessaadha jedhan kaasaniiru.

Istuudiyoo poodkaastii ijaaramuu fayyadamuun hawaasa dadammaqasuu bira darbee qabiyyeewwan barnootaa miidiyaalee garaagaraan tamsaasuun dhaqqabaamaa taasisuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Kaffaltii Ijaarsa Istuudiyoo poodkaastiin argamuu Birri miiliyoona 14 kan ta’uu tajaajila lammummaaf kan oolchu ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltichi dhaabbilee lameen hariiroo qaban daran kan cimsuu ta’uu himaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment