Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa hojjechaa jirra –Preezdaant Shimalliis

Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Preezdant Shimalliis hojiiwwan misoomaa fi dhimmoota waqtaawaa biyyaa fi naannoorratti ibsa laataniiru.

Mootummaan naannichaa dhimmoota ijoorratti xiyyeeffannoo laachuun hojjechaa turu ibsaniiru.

Preezdaant Shimalliis hirmaannaa uummataa cimsuun, proojektoota buleeyyii xumursiisuun, proojeektoota haaraaf haala miijeesunii fi qophii waggoottan misoomaa itti aanaaniif hojiilee heddu hojjechaa turu himaniiru.

Keessattu raawwii proojektootaata hojiileen abdachiisoon hojjetamuu kan himan Obbo Shimalliis, bara kana qofaa prroojektoonni kuma 11 ol  xumursiisuun fayyadamummaa hawaasaaf qopheessuun danda’ameera jedhan.

Proojektoota kanneen baasii Birrii biiliyoona 31.7 ijaarramuu himaniiru.

Kanneen keessaayis Birriin biiliyoona 23.7 tajaajilaa laammummaan kan uuwwifamee ta’u ibsichaan kaasaniiru.

Preezdaantichi damee qonnaatiinis hojiiwwan boonsaan hojjetamuu himaniiru.

Keessattu hojiin jallisii bonaa Qamadiirratti hojjetamee abdachiisaa ta’uu kan dubbatan obbo Shimallis bara kana qofa lafa hektaara kuma dhibba 3 qamadii jallisiin uwwisuuf karoorfamee lafa hektaarri kuma dhibba 3 kumni 82 ol misoomsuun danda’ameera jedhan.

Kanarras oomishni qamadii kuntaalli miiliyoona 15 hanga 16 ni argamaa jedhame eegama jedhan.

Hojiilee kunneen itti fufsiisuun akkuma jirutti ta’ee hojii tajaajila lammummaa cimsuu, qonni gannaa fi Ashaaraan Magariisaa xiyyeeffanno guddaa yeroo itti aanuu akka ta’ee Obbo Shimallis Abdiisaan ibsa isaanii har’aan himaniiru.

Kana malees Bishaan hogganuu fi karoorri hojii waggaa 10s hojiilee xiyyeeffannoo ittti laachuun hojjetamaan ta’uu preezdaantichi himaniiru.

Yidnaaqaachaw Haayilamaariyaamtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment