Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Fayyadamummaa saba tokkoo qofa osoo hin taane uummata hundaa guddisuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordii Badrii ibsan.
Manni maree bulchinsa naannoo Hararii (Kaabinee) marii isaa jalqabaa guyyaa har’aa eegaleera.
Kaabineen naannichaa haaraan hundeeffame itti gaafatamummaa uummataa fi mootummaa itti kenname kaka’umsa olaanaan ba’achuu akka qabu Preezdaant Oordiin ibsaniiru.
Miseensi kaabinee naannichaa uummata naannichaa haqummaan tajaajiluu qabas jedhan.
Guyyoota 100 dhufanitti karoora baafachuun hojiilee gaaffilee uummataa deebisuu danda’an hatattamaan hojjetamuu akka qaban eeraniiru.
Miira tajaajiltummaa guddisuun damee hojii bobba’an irratti hojiilee fakkeenyummaa qaban hojjechuuf kutannoon ka’uu akka qaban ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.