Fayyadamummaa Qonnaan Bulaa mirkaneessuuf Oomishtummaafi Qulqullina Bunaa dabaluun barbaachisaadha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2017 (FBC) – Fayyadamummaa Qonnaan Bulaa mirkaneessuuf Oomishtummaafi Qulqullina Bunaa dabaluun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Har’a waltajjiin sosochii fooyya’iinsa oomishtummaafi qulqullina Bunaarratti xiyyeeffate bakka Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shiimallis Abdiisaa argamanitti magaalaa Naqamteetti taa’ameera.

Akka Oromiyaatti bara kana buna toonii kuma 450 al-ergiif akka qophaa’u Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.

Hojii kana milkeessuufis sadarkaa aanaatti hojiin hubannoo uumuu kennamuun amma irraa jalqabee hojiitti akka galamu hubachiisaniiru.

Oomishtummaafi qulqullina Bunaa giddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Buna qulqulluu oomishuun gatii isa madaalu argachuun addunyaatti beeksisuuf akka hojjetamu dhaamaniiru.

Daayrekterri Jeneraalaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shayii Dooktar Dabalaa Addunyaan gama isaaniin Bara 2016 keessaa bunni tooniin kumni 300 alatti ergamuun sharafni alaa Doolaara biliyoona 1.4 ol argamsiisuu himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Qulqullina bunaa eeguuf Caasaan Godinaalee Lixa Oromiyaa sadarkaan jiran xiyyeeffannoo addaan hojjechuu akka qaban kallattii kaa’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment