Fayyadamummaa muduraa fi bunaa dhaabamanii mirkaneessuun hojiilee ittaanuu  ta’uu qaba- Obbo Abarraa Warquu

Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) –Fayyadamummaa muduraa fi bunaa dhaabamanii mirkaneessuun hojiilee inishiyeetivichaa ittaanuu  ta’uu qaba jedhan Hoogganan Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa umamaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu.

Leenjiin leenjistootaa ga’umsa raawwachiisummaa ogeeyyii qonnaa cimsuurratti xiyyeeffate guyyoota 4’f geggeffamaa ture xumurameera.

Xumuraa leenjichaarratti Obbo Abarraa Warquun kallatti hojii fuulduree ogeeyyota leenjichaarratti hirmaataniif kennaniiru.

Fayyadamummaa muduraa fi bunarraa argamu guddisuuf mootummaa naannichaan xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Muduraa hedduun dhaabamuu ibsuun kanaan booda faayida qabeessummaa isaanii dhaabbatanii mirkaneessuuf hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Inishiyeetiviiwwan qonnaa xiyyeffaannan irratti hojjetamaa  jiru keessaa muduraa fi bunni tokko ta’uu kaasaniiru.

Ganna dhufu biqiltuuwwan dhaabamuu qabanirratti xiyyeeffachuunis barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment