Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa fi rogeeyyiin ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahatan gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa fi rogeeyyiin duudhaa hogganamuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahatan Ministeerri Nageenyaa hubachiise.

Mata duree ”Bu’uuralee ijaarsa biyyaa” jedhuun qooda fudhatoota miidiyaalee hawaasummaa fi rogeeyyii waliin waltajjiin marii Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aa, waltajjicharratti, lammileen faayidaa fi eenyummaa waloo irratti beekumsaa fi hubannoo gahaa akka qabaataniif gaheen fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa fi rogeeyyii olaanaadha jedhan.

Obbo Taayyeen, saba, amantaa, eenyummaa, Afaan, aadaa fi yaadamni sabdaneesuummaa eenyummaa jiraatus ijaarsa biyyaa fi duudhaa waloo irratti Itiyoophiyaa kan hundaa taate mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Kanaaf, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa fi rogeeyyiin eenyummaa biyyaaleessaa fi faayidaa waaraa hubatanii duudhaa sirriin hgganamuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahan dhaamaniiru.

Keessumaa walitti dhufeenya fi tokkummaa uummataa cimsuu irratti hojjechuu qabna jedhanii, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa fi rogeeyyiin hubannoo waloo qabachuu akka qaban eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment