Fayyadama Cilee fi Eeggannoo Taasifamuu Qaban

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)- Wayita qorri hammaatu mana keessa hoo’isuuf, qaama hoo’iffachuuf yookaan nyaata bilcheeffachuuf cilee akka madda aanniisaatti fayyadamuun kan baratameedha.

Cilee, wayita tajaajila addaa addaaf fayyadamnu fayyaarratti miidhaa akka hingeessisneef eeggannoowwan cimaa taasisuuun murteessaadha.

Sababni isaas eeggannoo yoo hintaasisne aarri cilee keessaa ba’u miidhaa sammuu umrii guutuu fi dhibee onneef, darbees du’aaf kan saaxiluudha.

Qorannoowwan miidhaa cileen geessisurratti taasifaman akka mul’isanitti, arri cilee ijaan kan hinargamne, foolii kan hinqabne, gaazii summaawaadha.

Gaaziin kunis kan uumamu, gaaziin, zayiitni, cileen yookaan qoraan guutummaatti gubatanii waan hindhumneef ta’uutu eerama.

Qilleensi naannawaa aarri kasalaa jiru wayita gara keessatti fudhatu, dhiiga keessa seenuun seelii dhiigaa kan ta’ee fi oksijiinii gara kutaalee qaama keenyaatti kan geejjibsiisu Heemoogiloobiinii waliin makamuun miidhaa geessisa.

Kana hordofees dhiigni Oksijiinii geejjibsiisuu dhaabuun kutaaleen xixiqqaan seelotaa ni miidhamanii fi du’an taasisa.

Aara Cileen (Kaarban Moonooksaayidii) namni miidhame mallattoolee akka mataa dhukkubbii, joonjessuu, miira dadhabbii fi itti bitaacha’uu, madaalli eeggachuu dadhabuu, xiyyeeffannoo fi waa yaadachuu dadhabuu, of wal’aaluu, qiyyaafannoo dhabuu, dhukkubbii garaa akkasumas harganuu dadhuu fa’aa kan argisiisuudha.

Aaraa Cilee ittisuu fi of eeggannoo taasifamuu qaban:

Cileedhaan wayiita nyaata bilcheessinu naannawaa qilleensi gahaan jirut, yookaan manaa alatti bilcheessuu, manaa alatti itti fayyadamuun yoo hindanda’amne ammoo, guutummaatti erga Cileen gubatee fi aarri isaa keessaa dhumuun mirkaneeffannee itti fayyadamuun murteessaadha.

Dabalataan wayita mana keessatti fayyadamnu balbalaa fi foddaa cufuu dhiisuu, wayita itti fayyadamnee raawwannu giimii cilee bishaanin dhaamsuu fi mana keessa qilleensi gahaan akka galu taasisuun kan gorfamuudha.

Mana keessatti cilee qabsiisuurraa of qusachuu, bakkaa Cileen qabsiifamee jiru rafuun balaan hamaa fayyaarraan darbees bala lubbuu gaaga’u waan qaqqabsiisuuf of eeggannoo cimaa taasisuun barbaachisaadha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment