Fayyaa Haadholii, daa’immaanii fi dargaggootaarratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Fayyaa Haadholii, daa’immaanii fi dargaggootaarratti xiyyeeffannoo fi Qindoominaan hojjetamuu akka qabu ibsame.

Daayreektoreetiin Fayyaa Haadholii fi Daa’immaanii gamaaggama raawwii hojii naannnolee, qooda fudhattootaa fi dhaabbilee Siiviilii waliin gaggeeffamaa jira.

Hanga sadarkaa gaditti hojii hawaasa hirmaachisuun fayyaa Haadholii,Daa’immanii fi dargaggootarratti hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.

Hojiin talaallii fi meeshaalee yaalaa daa’immanii walitti qabuurratti hojjetame gaarii ta’uu kaasaniiru.

Iddoolee tokko tokkotti sababa rakkoo nageenyaan raawwii gadi aanaan galmaa’uu Dooktar Darajjeen himaniiru.

Du’aatii haadholii Ittisuu, tajaajila karoora maatii, sirna nyaataa fi kanneen biroorratti galma bara 2030 milkeessuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Waltajjichaan qaamolee raawwii olaanaa galmeessaniif beekkamtii fi badhaasni laatamuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment