Farreen nageenyaa naannoo daangaa Sudaaniirraan lo’anii seenuuf yaalii taasisaan fashala’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC)- Farreen nageenyaa naannoo daangaa Sudaaniirra lo’anii seenuuf yaalii taasisaan fashala’uu poolisiin naannoo Beenishaangul Gumuuz beeksiseera.

Komishinarri Poolisii Naannoo Beenishaangul Gumuz Abdulaazim Mohammad, Diinoonni Ityoophiyaa keessaa fi alaan ergama fudhachuun Hidhi Haaromsi Guddichi Ityoophiyaa ijaaramee galma hin geenyeef yaaliin taasisaan hin milkaa’uu jedhaniiru.

Komishinarri Poolisii Naannoo Beenishaangul Gumuz Abdulaazim Mohammad Adeemsa badhaadhinaa mootummaan qabates akka hin milkoofne gufuu ta’uuf sosocho’aa kan jiran gareen shororkeessaa ABUT fi Shanee akkasumas hidhattoonni  biroon naannoo daangaa Sudaanitti lo’anii seenuuf yaalii taasisan  Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi qaamoleen nageenyaa naannichaa waliin ta’uun tarkaanfii irratti fudhataniiru jedhan.

Komishinarichi dabalataan akka himanitti tarkaanfii irratti fudhatamenis humni farra nageenyaa kun itti fayyadamaa kan ture rasaasa, moortaalii fi meeshaaleen gurguddaa adda addaa booji’amuus himaniiru.

Naannichatti nageenya itti fufsiisuuf hojii oppireeshinii gaggeeffameen hawaasichi fi qaamoleen nageenyaa gahee olaanaa akkka bahatan Komishinarichi ibsuun, labsii yeroo ariifachiisaa hojiirra oolchuuf naannoolee ollaa waliin walitti dhufeenya waloo uumuun hojiin nageenyaa cimee itti fufuus himuusaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment