Finfinnee, Bitootessa 19, 2015(FBC)- Farra misoomaa kan ta’e malaammaltummaa irratti hundi qabsaa’uu akka qabu Muummeen Ministiraa FDRI Abiyy Ahimad ibsan.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gaaffilee gabaasa raawwii mootummaa baatiiwwan jahan darbanii irratti miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kaasaniif deebiifi ibsa kennaa jiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad hojiilee malaammaltummaa ittisuurratti hojjetamaa jiru ilaalchisuun ibsa taasisaniin, Malaammaltummaarratti hojiileen eegalaman cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Qaamolee gocha malaammaltummaa irratti hirmaatan itti gaafatamoo taasisuuf hojjetamaa jira, koreen dhimmicharratti hundaa’es hojiisaa cimees kan itti fufu ta’a jedhan.
Malaammaltummaan farra misoomaa ta’uu eeruun, hundi irratti qabsaa’uu akka qabus ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/