Faransaay tapha xumuraa Waancaa Addunyaaf dabarte

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC) – Tapha Walakkaa xumuraa galgala kana taphatameen Faransaay goolii 2 fi 0n Moorokoo injifachuuf tapha xumuraa Waancaa Addunyaa 22ffaaf dabarte.

Dilbata dhufu sa’aatii 12:00 irraa eeagalee Arjentiinaa fi Faransaay Waancaaf kan taphatan yoo ta’uu, Sanbata duraa sa’aatii 12:00 irraa eegalee Moorokoo fi Kirooshiyaan sadarkaaf taphatu.

Imalli ajaa’ibsiisaan Moorookoon Waancaa Addunyaa 22ffaarratti mul’ifte Faransaayiin gufateera.

Comments (0)
Add Comment