Faransaay Itiyoophiyaa waliin tumsa diinagdee uumuuf fedhii qabaachuu ibsite

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay Ambaasaaddar Aleeksiis Lemeek waliin mari’ataniiru.

Mariin isaanii hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti guddisurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Faransaay tumsa diinagdee Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu Ambaasaaddar Aleeksiis ibsaniiru.

Haaluma walfakkatuun Ambaasaaddar Misgaanuun Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa ta’uun kan muudaman Ambaasaaddar Soofii Eemisberger waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, haala waaqtawaa Gaanfa Afrikaa fi riifoormii Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaarraatti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment