Faransaay hirmaannaa Itiyoophiyaan nageenya Idil Addunyaa kabachiisuu keessatti qabdu dinqisiifatte

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)-Faransaay hirmaannaa Itiyoophiyaan nageenya Idil Addunyaa kabachiisuu keessatti qabdu dinqisiifatte.

Gareen jilaa Daayrektarri Olaanaa Nageenyaa fi Loltummaa Faransaay Leetenaal Jeneraal Kool Koombeetiin durfamu dhaabbata leenjii nageenya kabachiisaa Idil Addunyaa fi Giddugala Kabachiisa Nageenya Raayyaa Ittisa Biyyaa daawwateera.

Itiyoophiyaan hirmaannaa nageenya kabachiisuu Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii keessattu taasisaa jirtu akkasumas hojiilee barnootaa fi leenjii dhaabbilee leenjiitti taasifaman ilaalchisuun hoggantoota dhaabbatichaan ibsi bal’aan kennameeraafi.

Daayrektarri Olaanaa Nageenyaa fi Loltummaa Faransaay Leetenaal Jeneraal Kool Koombeet, Itiyoophiyaan hirmaannaa nageenya kabachiisuu sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaatti taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.

Dhaabbileen leenjii kunneenis hojiilee ijaarsa dandeettii fi leenjii barnoota bu’aa qabeessaa cimsuuf Faransaay deeggarsa barbaachisaa akka taasistu dubbachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment