Faransaay hambaalee Ityoophiyaarraa ergisaan fudhattee turte deebiste

Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Faransaay hambaalee Ityoophiyaarraa bara 1960moota keessa ergisaan fudhattee turte deebiste.

Hambaalee kanneen hoggantuun tumsa Ityoophiyaatti Embaasii Faransaay Soofii Maakaameen Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Qorannoo Hambaalee gargaaraa Piroofeesaraa Ababaawu Ayyaaleewutti dabarsanii kennaniiru.

Meeshaaleen hambaalee biyyattiin deebiste meeshaalee bu’aalee beelladootaafi dhagaa irraa hojjetaman ta’uu gargaaraan Piroofeesaraa Ababaawu Ayyaaleewu eeraniiru.

Hambaaleen kunneen qorataa Faransaay Zhoon Shaavaayuu jedhamuun Malkaa Qunxurreefi naannawaa Oomootti argamuu yaadachiisuun, bara 1960moota keessa qorannoo dabalataaf ergisaan gara Faransaayitti fudhatamuu ibsaniiru.

kanneen hoggantuun tumsa Ityoophiyaatti Embaasii Faransaay Soofii Maakaameen gamasaaniin, baay’inni hambaalee deebi’anii 740 ta’uu eeraniiru.

Hambaaleen kunneen waggoottan kuma 10 hanga miiliyoona 2 kan lakkoofsisan ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni lameen dhimmoota hambaaleerratti tumsa gaarii kan qaban ta’uu eeruun, cimsanii kan itti fufan ta’uu addeessaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment