FAOn naannoo Tigraayitti qonnaan bultootaaf gosoota sanyii midhaanii garagaraa fi talaallii horii laachuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC)- Dhaabbanni Nyaata fi Qonna Addunyaa (FAO)  naannoo Tigraayitti maatiin qonnaan bultootaa gara hojii qonnaatti akka deebi’aniif kan dandeessisuu sagantaa ariifachiisaa ifoomseera.

Ityoophiyaatti bakka  buutuun FAO aadde Faaxumaa Saayiid, dhaabbatichi qonnaan bultoonni fi dafqaan bultoonni hojii qonnaa eegaluu akka danda’aaniif dhimma dursii laatamuufi qabudha jedhaniiru.

Akkasumas rakkoowwan dhufuu danda’aan humna ittin dandamatan uumuuf hojii dursii laatamuuf akka ta’e himuusaanii ragaan dhaabbaticharra argamee ni muul’dhisa.

Yeroo ammaa kana gosoota sanyii midhaan dheedhii, xaafii, qamadii, timatimaa Dhaabbanni Nyaata fi Qonna Addunyaa qonnaan bultootaaf rabsaa jiraachuu eerraniiru.

Naannichatti re’oota, hoolootaa fi sangaa dhibee horii daangaa ce’uuniif akka hin saaxilamneef talaallii laatamaa jiraachuu ibsameera.

Deeggarsichaan sanyii midhaanii gosoota garagaraa abbootii warraa kuma 50 qaqqabsiisuuf yoo ta’u, horii dhaabbii abbootii warraa kuma 100f talaalli lachuu fi yaalaa kennuuf socho’aa jira.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment