Fandiin Misooma Qonnaa Idil Addunyaa hirmaannaa Misooma Ityoophiyaarratti taasisu cimsee akka itti fufu gaafatame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Fandiin Misooma Qonnaa Idil Addunyaa hirmaannaa Misooma Ityoophiyaarratti taasisu cimsee akka itti fufu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samariitaa Sawaasawu gaafatan.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samariitaa Sawaasawu Ittaanaa Preezdaantii Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaa fi jila Hogganaa Dippaartimantii Korporeet Guukii Wu durfamuu waliin mari’ataniiru.

Ittaanaan Preezdaantii dhaabbatichaa, Imaammata Qonnaa fi misooma baadiyyaa mootummaa Ityoophiyaan ba’anii fi diinagdee biyyattii guddisuu fooyya’iinsa taasifaman kan dinqisiifatan ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsa dhaabbanni isaanii gama misooma baadiyyaa  Ityoophiyaa fi wabii nyaataarratti taasisu ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaaritaa Sawaasawu gamasaaniin, dhaabbatichaafi Mootummaa Ityoophiyaa gidduu hariiroo hojii waggoota 40 jiraachuu yaadachiisuun, dhaabbatichi yeroo ammaa  proojektiiwwan Doolaarri dhibbi 2 fi miiliyoonni 40 baasii itti ta’e hojiirra oolchaa jiraachuu kaasaniiru.

Deeggarsicha guddisuun hirmaannaa hojii misooma Ityoophiyaarratti taasisu cimsee akka itti fufu gaafachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment