Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC) – Fandiin kuufama Maallaqa Inshuraansii Itiyoophiyaa ifatti hojii eegaleera.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Fandii Kuumafa Maallaqa Inshuraansii Itiyoophiyaa Obbo Maragaa Waaqwayyaa fi Walitti Qabaan Boordii Dhaabbatichaa Obbo Salamoon Dastaan hojii eegaluu fandichaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Fandichi hojii eegaluun damichaaf milkaa’ina olaanaa ta’uu Obbo Salamoon ibsaniiru.
Hojiin Fandichaa jijjiiramaan as bu’aa riifoormii damee Faayinaansiin argaman keessaa isa tokko ta’uu dubbataniiru.
Fandii Kuufama Maallaqa Itiyoophiyaa hundeessuu fi bulchuuf Wixineen labsii ba’e Bara 2013 ragga’uun gara hojiitti galuun kan yaadatamuudha.
Akkaataa dambichaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad miseensota boordii 5 kan fandicha olaantummaan hogganaan muudanii turan.
Fandichi hawaasa maallaqa Baankii Daldalaa fi dhaabbilee Faayinaansii xixiqqaatti Birrii qusataniif wabii kan ta’uudha jedhame.
Wayita Baankotaa fi Dhaabbilee Maayikroo Faayinaansirra miidhaan yoo qaqqabe maallaqa qusataniif sirna beenyaa itti argatan ta’uu TOI gabaaseera.
Maallaqni fandichaa lakkoofsa herreegaa Baankii Biyyaalessa Itiyoophiyaatti banamu keessa kan taa’u yoo ta’uu, dhaabbileen Faayinaansii hundi akkaataa seeraan gara lakkoofsa herreega fandichaatti galii ni taasiisu jedhame.
Mootummaan kaappitaala ka’umsaa Birrii miiliyoona 200 akka ramadu danbiin fandichaan tumameera.
Dambii kana keessatti fandichi maloota qabeenya walitti qabuu adda addaa fayyadamuu akka danda’u kan tumame yoo ta’u, dhaabbilee faayinaansii miseensa ta’anii fi dhaabbilee deeggartoota misoomaarraa walitti qabuun galii mataa isaa akka sassaabbatu aangoon kennameefira.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.