Falmiin Eelkilaasikoo har’a halkan gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) –Falmii jabaan Addunyaa Riyaal Maadridii fi Baarseloonaa walitti fidu Eelkilaasikoon har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee gaggeeffama.

Ga’umsi kilaboonni lamaan yeroo ammaa irratti argaman taphichi caalmaatti xiyyeeffannoo akka argatu taasiseera.

Taphoota Laaligaa Ispeen bara kanaa hanga ammaatti taphatameen Baarseloonaan qabxii 27’n liigicha yoo dursu, Riyaal Maadriid qabxii 24’n 2ffaadha.

Kilaboonni lamaan taphoota Laaligaa 188 waliin taphatan keessaa Baarseloonaan yeroo 74 yoo injifatu, Maadriid si’a 79 injifachuun, taphoota 35 ammoo qixaan xumuraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment