Joosee Jaaksan, Hidha Haaromsaarratti Ityoophiyaan tumsamuu qabdi jedhan

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Falmaan mirga siiviilii Joosee Jaaksan, koongirasiin Ameerikaa Hidha Haaromsaarratti murtoo Ityoophiyaa deeggaru akka dabarsu gaafatan.
 
Joosee Jaaksan xalayaa yaada Gibts mormu koongirasichaaf dhiyeessaniiru.
 
Joosee Jaaksan koongirasichatti garee kookasii gurraachotaatif xalayaa, sanada Gibts Haaromsaa ilaalchisee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif galchite, mormu dhiyeessaniiru.
 
Xalayichaanis koongirasichi Naayilii fi Gibts ilaalchisee murtoo Ityoophiyaa deeggaru akka dabarsu gaafataniiru.
 
Gibts waliigaltee bara gita bittaa Ityoophiyaa fayyadamaa hin taasisnee fi hin hammanne (kan bara Faranjootaa 1929 fi 1959) hojiirra oolchuu barbaaddi jedhaniiru.
 
Waliigalteewwan kanneen ammoo Gibtsii fi Sudaan kophaatti fayyadamoo kan taasisudha; beekamtii Ityoophiyaa fi biyyoota yaa’a Naayil keessa jiran biroo osoo hin mariisisin kan mallattaa’edha jedhaniiru.
 
Kun ammoo waliigaltee idil addunyaa lageen daangaa qaxxaamuranirratti taasifame kan cabsedha jedhan.
 
Gibts hirmaannaa fi marii Ityoophiyaa malee Hidha Aaswaan ijaartetti jedhan.
 
Ityoophiyaan Naayiliif bishaan %85 gumaachitus, kanarraa akka hin fayyadamneef dabni Gibts hojjechaa jirtu ija seeraa fi mooraalidhaan fudhatama kan hin qabne ta’uu beeksisan.
 
Ameerikaa fi Baankiin Addunyaas kanarraa ka’anii murtoo haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’erra akka ga’an gaafataniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment