Faddaaltota seeraan alaa 790 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatame – MDWHN

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC) – Faddaaltota seeraan alaa 790 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Baatiwwan 5n darbanitti Faddaaltota seeraan alaa 790 adeemsaa bittaa fi gurgurtaa keessatti harka galfachuun qaala’iinsi gatii akka hammaatu taasisan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu Ministeerich ibseera.

Haaluma kanaa Faddaaltota daldala oomisha qonnaa, kuduraa fi muduraa, horii fi oomisha midhaanii irratti hirmaatan eeyyama isaanii haquun adeemsa bittaafi gurgurtaa keessa akka bahan taasifamu himeera.

Waldaaleen hojii gamtaa fi Shamattoonni Oomisha kallattiin fayyadamtootaaf akka dhiyeessuun qaala’insa gatii tasgabbeessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuus ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment