Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC)-Dhaabbanni Ameerikaa qorichaalee fi talaalliiwwan “Faayizar” oomishu Ityoophiyaatti qorichaalee qulqullina qaban bu’aa malee haala dhiyeessuun danda’amurratti mari’atame.
Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Silashii Baqqalaan, Pireezidaantii Gabaalee Guddatoo Idil Addunyaa Niikii Laanowiich waliin marii bu’aa qabeessaa taasisuu ragaan Ityoophiyaatti Embaasii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.
Gareen hoji raawwachiistotaa dhaabbatichaa, “Waliigaltee, Addunyaa Fayyaaf” mata duree jedhuun Ityoophiyaa dabalatee biyyootaa guddachaa jiran galii gadaanaa argatan 45’f qorichaalee fi talaalliiwwan bu’aa malee dhiyeessuuf, haalota dandeessisanirratti mari’achuuf gara Ityoophiyaa akka dhufan eerameera.
Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan, walta’iinsichi lammiilee biyyoota guddachaa jiraniif qorichaalee qulqullinaa fi bu’aa qabeessa ta’an akka argataniif kan tumsu ta’uu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.