Faayidaa Tiruu nyaachuun fayyaa namaaf qabu

Finfinnee, Caamsaa 24, 2016 (FBC) –Tiruun qabiyyee soorataan badhaadhaa waan ta’eef faayidaa fayyaa hedduu argamsiisa.

Faayidaawwan ijoo keessaa muraasni:

1. Soorata baay’ee kan qabu:

Tiruun madda vitaaminii adda addaa, keessumaa vitaamina A, vitaamina B12, fi vitaamin Dti.

Akkasumas tiruun Albuudota ayirenii, ziinkii, fi sibiila diimaa fayyaa namaaf daraan murteessaa ta’an of keessa qaba.

2. Pirootiiniidhaan kan badhaadhe:

Tiruun madda pirootiinii qulqullina olaanaa qabu yoo ta’u, amiinoo asiidota barbaachisoo ta’an hunda ni kenna. Pirootiiniin guddina maashaalee, suphaa fi kunuunsa qaama waliigalaatiif baay’ee barbaachisaadha.

3. Qabiyyee Sibiilaa: tiruun hir’ina dhiigaa hanqina ayireniin dhufu ittisuu fi yaaluuf faayidaa garagaara.

4. Madda Koolinii:

Tiruun soorata barbaachisaa guddina sammuu, hojii tiruu fi meetaaboliizimii deeggaru choline of keessaa qaba.

Keessattuu kooliiniin dubartoota ulfaa guddina sammuu daa’imaa deeggaruuf barbaachisaa dha.

5. Antioksidantoota:
Tiruun antioxidants kan akka vitaamin A fi selenium kan kennu yoo ta’u, isaanis seelii miidhaa ‘free radicals’ irraa eeguu fi fayyaa waliigalaa ittisa qaamaa kan deeggarudha.

6. Deeggarsa Gogaa fi mul’ata Fayyaa:

Qabiyyeen vitaamin A tiruu keessatti baay’inaan argamu fayyaa gogaa fi mul’ata gaarii eeguuf faayidaa qaba.

Tiruun soorata guddaa kan qabu yoo ta’u, qabiyyee vitaamin A baay’ee waan qabuuf madaalawaa ta’een nyaatamuu qaba jedhame.

Maddi:- Fuula Waa’ee Fayyaa

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment