Faayidaa Oomisha bunaarraa argamu guddisuuf kutannoon hojjechuu barbaachisa- Obbo Ristuu Yirdaa

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Faayidaa Oomisha bunaarraa argamu guddisuuf kutannoon hojjechuu barbaachisa jedhan Preezdaantiin naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaan.

Preezdaantii naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa godina Geede’ootti aanaa Addaa Naannwaa Diillaatti sagantaa dhaabbii biqiltuu bunaa gaggeessaniiru.

Jireenya qonnaan bultoota gidinichaa buna oomishanii jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu Obbo Rituun haasawaa saganticjharratti taasisaniin ibsaniiru.

Karoorri buna qulqullinaan gabaaf dhiyeessuu bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu eeruun, naannichatti biqiltuuwwan Ashaaraa magariisaa dhaabaman biiliyoona 1 keessaa miiliyoonni 80 biqiltuu bunaa ta’uu dubbataniiru.

Naannichi bara kana kan bara darbeerra oomisha bunaa fooyya’aa gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuu ibsuun, gatiin bunaa fooyya’uunis oomishtoota kan jajjabeessu ta’uu kaasaniiru.

Nageenya eeguun imalli badhaadhinaa eegalame cimee kan itti fufu ta’uus ibsuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa godinichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment