Faayidaa Muuziin fayyaa namaaf qabu

Finfinnee, Fulbaana 10, 2017 (FBC) –Muuziin kuduraa baay’ee barbaachisu keessaa isa tokkoofi qabiyyee albuuda Pootaasiiyeemii jedhamun beekamuudha.

Muuziin albuudotaa fi Vitaaminoota heddu of keessaa qaba.

Faayidaa Muuzii keessaa muraasa:-

1.Sukkaarri(glucose) qaama keenyaa hanga barbaadamu keessatti haalan akka to’atamu godha.

2. Dhibeewwan Onnee fi sirna dhiigaa waliin walqabatan kanneen akka dhibee onnee, olka’uu dhiibbaa dhiigaa,hir’ina dhiigaa ittisuf tajaajila.

3.Dhukkuboota sirna hargansu miidhaan kanneen akka Utaalloo,Asmii fi kan biroo ittisuuf.

4.Dhukkuboota sirna bullaa’ina nyaata kanneen akka dhukkuba garaachaa ,dafee daakamuu diduu nyaataa,garaa kaasaa, Gogiinsa garaa darbees dhibee Kintaarootii ittisuuf ni gargaaara.

5.Fayyummaa qaamoota keenyaa kan akka Kaleefi ijaaf hedduu fayyada.
6.dhibeewwaan Kaansarii ni ittisa.

7.Jeeqamuu marsaa laguuf akka hin saaxilamne ni gargaara.

8.Jabina ykn cimina lafeef ni fayyaada, akkasumas rakkoo gogaaf finnisaa, kormamuufi kanneen biroo ni ittisa.

9.Dandeettii waa yaadachuu fi si’aa’innaa ni dabala.
10.Anniisaa ni kenna.

11.Ulfaatina qaamaa garmalee fi rakkoo isa waliin walqabatee dhufuuf akka hin saaxilamne gargaara.

12.Dhiphina fi yaaddoo hamaaf akka hin saaxilamnes ni fayyada.

Madda Fuula Waa’ee Fayyaa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment