Faayidaa Mandariinaaa fi Burtukaanaa

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC) – Mandariinni fi Burtukaanni gosoota muduraalee bifaa fi faayidaan daraan walitti dhiyaataniidha.

Mandariinaan gosa sanyii burtukaanaa ta’ee baayyee kan mi’aawuu fi namatti toluudha.

-Summii qaama keenya keessaa baasa

– Rifeensi keenya akka guddatu fi akka hin dhumne gargaara.

– Bareedina gogaa keenyaaf gargaara. Yoo hanga tokko nyaannee ykn gogaatti kan dibannu tahe gogaan keenya akka bareeduu fi ifu godha

– Madaa fayyisuuf gargaara

– Lafee jajjabeessa

-Nyaata garaagaraatti dabalamuun mi’eeasuuf ykn tolchuuf fayyada

– Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa dabala

-Kolestiroolii qaama keenyaaf hin barbaachifne ni xiqqeessa

– Dhiibbaa dhiigaa xiqqeessuuf fayyada

– Gogaan keenya dullumarraa kan ka’e akkan susuntuurre godha.

Mandariinaa dheedhii isaa nyaachuu ,juuzii godhannee dhuguu ykn qaamatti dibachuun faayidaa qabaachuu ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu.

Burtukaannis akkuma mandariinaa faayidaa hedduu qaba.

-Burtukaannii fi gogaan birtukaanaa vaayitaminoota fi albuudota garaaa garaan kan badhaadhe waan ta’eef madda nyaataa fi keemikaalota qaamaf barbaachisan adda addaati

– Madda eegumsa qaamati

Birtukaanni vaayitaamin C dhan kan badhaadhedha.

Akkasumas Burtukaannii keemikaala ‘ carotenoids jedhamu kan qaamnii nama gara vaayitaamin A tti geeddaru of keessaa qaba.

– Burtukaanni keemikaala akka vaayitaamini C, flavonoids, fi carotenoids jedhaman kan fayyaa onneef gargaaru of keessaa qaba.

– Cirrachi kalee akka hin uumamne ittisa
Burtukaanni asiidii siitras jedhamu kan qabu yoo ta’u kunimmoo cirrachi kalee akka hin uumamneef gargaara

– Hir’ina dhiigaa ittisa

Vaayitaminii Cn burtukaana keessatti argamu ayiraniin akka salphaatti gara qaamatti fudhatamu waan godhuuf hir’ina dhiigaa hir’isuuf fayyada

-Fayyaa ijaaf eeguuf

– Gogaan osoo hin miidhamiin yeroo dheeraa akka turuuf

Maddi:- Healthline fi ogeeyyii yaala fayyaa adda addaa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment