Faayidaa Ityoophiyaaf jecha lafti nuti nageenya barbaacha hindeemne hinjiru-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015(FBC)-Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, faayidaa Ityoophiyaa kabajchisuuf jecha lafti nageenya barbaacha hin adeemamne hinjiru jedhan.

Muummeen ministiraa Abiy Ahimad dhimmaa waliigaltee Piritooriyaa ilaalchisuun Paarlaamaaf ibsa kennaaniin “mari’anneerra; waliigalteerra geenyeerra; mallateessineerra. Hojiin fuulduree waliigaltecha hojiirra oolchuuf hojjechuudha” jechuun ibsan.

Waliigaltee irra ga’ame kanneen faallessanii jiraachuu ibsuun, nageenyi kan isaan mufachiisu daldaltoota waraanaati jedhan.

Nageenya kan barbaannuuf guyyuu waan bu’aa irraa argannuu fi akka biyyatti nageenyi bu’aa qabeessa waan ta’eefi kan jedhan Muummeen Ministiraa, itti fufiinsaan maraammartoo waraanaa keessaa jiraachuun furmaata akka hintaane kaasaniiru.

Mootummaan shororkeessaa waliin mari’ate jedhamuun kan afarfamus, “seerri ba’e shorokeessaa waliin hinmari’atin hinjedhu; hindeeggariin hinhidhachiisiin” akka jedhu ibsaniiru.

Mariin, waliigalteen yoo jiraatee nageenyaa Ityoophiyaafi faayidaa Ityoophiyaaf jecha ta’uu ibsuun, “nageenya caalchisnee yoo soorannee akkuma nageenyi dhufu, yeroo hunda waraanaa yoo sooranee deebi’ee isumatu dhufa” jedhan.

Kanaaf nageenyaaf hojjechuuf tattaafchuu barbaachisa jedhaniiru.

Gama biraattiin hojiilee shanee dhabamsiisuuf hojjetaman irratti ibsa kennaniin diimokiraasiin, nageenyii fi walabummaan shororkeessummaan dhufu akka hinjirre ibsan.

Bilisummaan shororkeesummaa fi hidhaanoodhaan furmaannii dhufuu akka hinjirre kaasniiru.

Ammallee mariif ulaan banaa ta’uu eeruun mootummaan nageenyaa kabachiisuun dirqama.

Hojiileen gama kanaan hojjetaman maalchisa ta’uu baatus ammallee hojiileen hojjetaman cimaanii itti fufu jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment