Finfinnee, Hagayya 23, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisaa haala waqtaawaa ilaalchisee bakka buutoota hawaasa idil addunyaaf ibsa taasiiseera.
Hoggantoota waraanaa fi nageenyaa biyyoota garaagaraaf ibsa taasiiseera.
Raayyaa Ittisaatti Daayrektarri jeneraalaa Hariiroo alaa fi Tumsa Waraanaa Meejar Jeneraal Tashoomaa Gammachuu, Raayyaan Ittisaa yaalii badii Ityoophiyaarratti aggaamamu kamiiyyuu haala amansiisaa ta’een qolachuuf ga’umsa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Waraana gareen shororkeessaa eegale teeknooloojiin mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu eeruun, garichi naannoo Amaaraa fi Afaaritti kallattii adda addaan weerara banuu isaa himaniiru.
Raayyaan Ittisaa nageenya biyyaa, daangaa fi ummataa tiksuuf itti gaafatamummaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuun dirqama ijoo Raayyaa Ittisaa ta’uu himaniiru.
Hawaasni idil addunyaa dhugaa jiru hubachuun Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbatan gaafachuu isaanii EBCn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.