Faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf hojiilee dippilomaasii cimaa hojjechuu gaafata-Obbo Dammaqaa Mokonnin

Finfinnee, Amajjii 13, 2016 (FBC)- Faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf hojiilee dippiloomaasii cimaa hojjechuu gaafata jedhan Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin.

Qaama sagantaa “Torbee Dippilomaasii” kan ta’e mariin waggaa Dursitoota Misiyoonaa gaggeeffamaa jira.

Maricharratti Obbo Dammaqaan akka jedhanitti, faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessiiwwan dogoggoraa sirreessuuf raawwii dippiloomaasii olaanaa hojjechuu kan gaafatu ta’uu beeksisan.

Itiyoophiyaan waloomaan, misooma waloo waaraa akkasumaas fayyadamummaan haqa qabeessaa akka mirkanaa’uuf biyyoota hunda waliin waldeeggaruun akka hojjettu dubbataniiru.

Haaluma kanaan dippiloomaasii damee hedduun, naannawaa, gamlamee fi sadarkaa ardiif xiyyeeffannaa addaa kennuun hojjechuu akka gaafatus ibsaniiru.

Obbo Dammaqa Mokonnin Fooramii Diinagdee Addunyaa Siwiizarlaandi Daavositti gaggeeffamerratti hirmaachuun kaleessa Finfinneetti deebi’uun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment