Finfinnee, Caamsaa 3, 2016 (FBC) – Faawundeeshiniin Raayyaa Ittisaa Manneen waliin jireenyaa Koyyee Faccee fi Aqaaqii Qaallattiitti ijaarsise fayyadamtootaaf dabarseera.
Manneen Waliin Jireenyaa kunneen Itaamaajoorii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaa Birhaanuu Juulaa, Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Baalaay, qondaaltoonni Olaanoon biroo fi keessummoonni waamichi taasiifameef bakka argamanitti fayyadamtootaaf dabarfamaniiru.
Dhaabbanni Ijaarsaa Ooviid fi Raayyaa Ittisaa manneen waliin jireenyaa kanneen waggaa tokko keessatti ijaaruun xumuruu ibsameera.
Maraa’ool Kadirtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.