Faawundeeshiniin Qabsaa’ota Oromoo Gamoo abbaa darbii 15 Finfinneetti ijaarufi

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC) – Faawundeeshiniin Qabsaa’ota Oromoo Gamoo abbaa darbii 15 Finfinneetti ijaarufi.
Fawundeeshiniin kun qabsaa’ota Oromoo kalessaafi har’aa rakkoo hawaas- dinagdeef saaxilaman dinagdeen akka of danda’an gochuun guddina dinagdee keessatti gaheesaanii akka bahatan gochufi.
Faawundeeshinii kun Gamoo mataa isaa abbaa darbii 15 Magaalaa Finfinnee naannoo Kaasaanchisitti ijaaruuf Korporeeshinii Konistiraakshinii Oromiyaa waliin mallatteesseera.
Akka OBN gabaaseetti, Gamoon kun Birrii biiliyoona 1 kan ijaaramu yeroo ta’u, ijaarsi kun waggaa lamaafi walakatti ni xumurama jedhameera.
Gamoon qabsaa’ota akkasii magaloota biroo keessattis ni ijaarama jedhameera.
Fawundeeshiniin qabsaa’ota Oromoo bara 2008 hundeeffame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment