Finfinnee, Bitootessa 23, 2015(FBC)- Faawundeeshiniin Maastar Kaard Marsaa 2ffaa Sagantaa Ityoophiyaaf Doolaara miiliyoona 630 ol raggaasisuu Ministeerri Hojiifi Ogummaa beeksise.
Pireezidaantiin faawundeeshinichaa Riitaa Rooyiifi Miseensonni boordii guyyoottan arfan darbanitti Ityoophiyaatti gamaagama sagantaa taasisaa turuu Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamil ibsaniiru.
Bu’uuruma kanaan marsaa 2ffaa Sagantaa Ityoophiyaan Doolaara miiliyoona 630 ol raggaasisuu eeraniiru.
Maallaqichi carraa hojii uumuuf, tajaajila waliingahiinsa faayinaansii mirkaneessuu dandeessisu dhiyeessuuf, dhaabbilee teekinikaafi ogummaa yaada carraa uumuun bocuuf kan gargaaru ta’uu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin addeessaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna