Faawundeeshiniin Kuwaataar “Edukeeshin Abbaav Ool” Ityoophiyaatti haala piroojektoota barnootaa deeggaruu danda’urratti mari’atame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Faawundeeshiniin Kuwaataar “Edukeeshin Abbaav Ool” jedhamu Ityoophiyaatti haala piroojektoota barnootaa deeggaruun tumsaan hojjechuu danda’urratti mari’atamuu ibsame.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Hojii Raawwachiisaa Olaanaa faawundeeshinichaa Fuhaad Hamaad Hasan Al-Suulaayitii waliin Doohaatti mari’ataniiru.

Mariisaaniin, faawundeeshinichi manneen barnootaa sababa walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii dhaabuu keessatti gahee ba’achuu danda’urratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Faawundeeshinichi bara faranjootaa 2012 kan hundaa’e yoo ta’u sadarkaa idil addunyaatti waliin gahiinsa barnoota qulqullina qabuufi hunda hammataan akka jiraatuuf kan hojjetu ta’uu ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment