Faanaan ummatoota gidduutti nageenyaa fi diimokiraasiin akka mirkanaa’uuf gahee ijaarsaa bahachaa jira-Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)- Faanaan ummatoota gidduutti nageenyaa fi diimokiraasiin akka mirkanaa’uuf gahee ijaarsaa bahachaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsan.

Dooktar Laggasaa Tulluun sirna eebbaa Istuudiyoo haaraa FBC irratti argamuun haasawaa taasisaniin, Faanaan akkaataa ijaarsa biyyaaf wayyutti ummata tokkummeessuu fi nageenyii fi dimokiraasiin akka mirkanaa’uuf damee miidiyaan gahee isaa bahachaa jiraachuu dubbatan.

Faanaan indaastirii miidiyaa biyyattii keessatti keessumaa damee raadiyoon adda duree ta’uun kan ragaa bahamuuf ta’uu eeran.

Yeroo ammaas buufataalee televiizhinii biyyatti keessaa bifa haaraan qabiyyee fooyya’aan dhufaa jiraachuu eeraniiru.

Fuuldurattis hojiilee odeeffannoo hubannoo uumanii fi barsiisan hojjechuun indaastirii miidiyaa keessatti dorgomaa akka ta’uu amantaa qaban ibsaniiru.

Keessumaa sagantaaleen akka ‘Faanaa Qalamaat’, ‘Faanaa Lamroot’ fa’aan aadaa aartii guddisuurra darbee namoonni kennaa addaa qaban akka waltajjiitti ba’an, dandeettii isaanii akka cimsatan hojii tumsuu hojjechuun ogeeyyiin aartiis sadarkaa fooyya’aarraa akka ga’an taasisuurratti kan argamuudha jedhan.

Haaluma kanaan Faana Biroodkaastiingi Koorporeet gahee ijaarsa biyyaa fi dhalootaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhaabbatichi milkaa’ina har’arraa ga’uuf isaaf hoggantoota, ogeeyyii fi qaamolee dhimmichi ilaallatu galateeffataniiru.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaas deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Amalawarqi Damisawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment