Faanaan hojiilee kallattiin biyyaa fi ummataan walqabatan qabatee itti fufa-Obbo Admaasuu Daamxoo

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)- Faanaan hojiilee kallattiin biyyaa fi ummataan walqabatan qabatee itti fufa jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Obbo Admaasuu Daamxoon.

Faanaa Biroodkaastingi Koorporeet istuudiyoo haaraa Faanaa Lamroot ijaarsise eebbisiisaa jira.

Sirnicharratti Obbo Admaasuu Daamxoo ergaa dabarsaniin, Faanaan Indaastirii Miidiyaa keessatti ashaaraa tokkummaa miidhagaa garaagarummaa keessaa, walitti dhiyeenyaa xiinsammuu fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsu kan kaa’uudha jedhan.

Oduuwwan qabiyyee ciccimoo filachuun, yaadaa mo’ataa dhiyeessuun, ijaarsa sirna diimokiraasii keessatti bifa biyyaalessaa kan qabuu fi quunnamtii uumuun yaada bal’aa keessummeessuun, adda duree ta’uu garasitti bu’aa qabeessummaa mirkaneessuun ergamaa fi galma Faanaa ta’uu eeraniiru.

Addunyaa bashannanaa keessatti waltajjii keessatti of ilaalan ta’uun, carraa kennuun, hirmaachisuun, indaastiricha guddisuun, akkaataa duudhaalee dagaagsuun bu’aalee ogummaa jajjabeessuu, dhaloota jaalala biyyaa qabu, guddina ceesisu horachuuf ta’uu ibsan.

Muuxannoo cimsuun, hojii uumtummaa jajjabeessuu, hanqina bulchiinsa gaarii saaxiluu qofa utuu hintaane akka sirratan, diiguu utuu hintaane ijaaruuf, laafinni akka sirratu hojjechuun, yaadannoon imala waggoota 29 of ilaalii har’aa fi galaa boriitis jedhan.

Faanaan imala isaa keessatti qormaatilee isa mudatan hoggansaa fi hojjettootaa isaan waan hindanda’amne gara ni danda’amaatti jijjiiruu ibsaniiru.

Feeven Bishaawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment