Faanaan dhimmoota bishaanii fi inarjiirratti xiyyeeffannaa addaan hojjeta-Obbo Admaasuu Daamxoo

Finfinnee, Hagayya 30, 2016(FBC)- Faanaan Biroodkaastingi Koorporeet dhimmoonni bishaanii fi inarjii lammiilee waliin kallattiin waan walqabatuuf xiyyeeffannaa addaa kennuun kan hojjetu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan FBC Obbo Admaasuu Daamxoon ibsan.

Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan hoggantoota Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis Mana hojii ministeerichaa fi hariiroo hojii FBC gidduu jiruu haala cimsuun danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan FBC Obbo Admaasuu Daamxoon gama isaaniin, Faanaan dhaabbata miidiyaa dhaqqabummaa olaanaa qabu, hawaasa giddugaleeffachuun dameewwan bashannanaan, sagantaa barnootaa fi oduun kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Dhimmoonni bishaanii fi inarjii lammiilee waliin kallattiin waan walqabataniif xiyyeeffannaa addaa akka kennus kaasaniiru.

Dooktar Injiinar Habtaamuun gama isaaniin qaa’ee qabeenya bishaanii fi inarjii odeeffannoo kennuu, barsiisuu fi beeksisuu keessatti miidiyaan gahee olaanaa bahachuu akka qabu kaasaniiru.

Dhimmooni bishaanii fi inarjii addatti hojii beeksisuu fi barsiisuu waan gaafatuuf miidiyaa waliin bal’inaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Marichaan boodas hojiilee riifoormii fi agarsiisi dijitaalaa ministeerichaa daawwatameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment