Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin hojjechuuf qophiidha- Ambaasaaddara Turkii

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin hojjechuuf qophii ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Yaapraak Aalp ibsan.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Yaapraak Aalp guyyaa har’aa Faanaa Broodkaastiing Korporeet daawwataniiru.

Ambaasaaddar Yaapraak Aalp Teelevizhiinii Faanaa, Gidugala tamsaasa FM 98.1fi filannoowwan miidiyaalee dhaabbatichaa naannawanii daawwataniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan Faanaa Broodkaastiing Korporeet obbo Admaasuu Daamxoon ibsa Ambaasaaddar Yaapraakiif taasisaniin dhaabbatichi indaastirii miidiyaa Ityoophiyaa keessatti odeeffannoowwan waqtaawoo fi amanamoo hawaasaan gahuun miidiyaa dursu ta’uu eeraniiru.

Dhaabbatichi qophiiwwan bashannansiisoo fi barsiisoo hawaasaan gahuurra darbee hojjiiwwan  hariiroo uummattootaa cimsan irratti  xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uu addeessaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet hojiilee miidiyaa maqaa gaarii Ityoophiyaa addunyaaf ibsuurra darbee damee miidiyaan biyyoota muuxannoo bal’aa qaban waliin hariiroo uumuun fuuxannoo kan fudhatu ta’uu dubbataniiru.

Daawwannaan Ambaasaaddar Yaapraak hariiroo uummataa cimsuurra darbee ce’umsa teeknooloojii, leenjiin, muuxannoo waljijjiirraan, deeggarsa teeknikaanii fi dhimmoota biroorratti waliin hojjechuuf carraa kan uume ta’uu kaasaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti Ittaanaan hojii raawwachiisaa olaanaa damee qabiyyee  obbo Abeel Addaamuun Faanaan gama  Televizhiiniin, Raadiyoo fi Miidiyaa Diijitaalaan dhimmoota diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaarratti odeeffannoowwan amanamoo, madaalaa eeganii fi waqtaawoo uummata biraan gahaa jiraachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Yaapraak gamasaaniin, Faanaa Broodkaastiing Korporeet Afaanotaa fi dameewwan miidiyaa garaagaraa fayyadamuun odeeffannoowwan waqtaawoo fi amanamoo tamsaasuuf tattaaffii inni taasisu kan dinqisiifatan ta’uu ibsaniiru.

Qophii qabiyyeetiin hojiilee gaarii eegale cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Imbaasiin isaanii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin gama  ce’umsa teeknooloojiin, leenjii, muuxannoo waljijjiirraa, deeggarsa teeknikaa fi dhimmoota biroorratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment