Faanaa Broodkaastiing Korporeet marsaa 2ffaaf mana Kitaabaa Abrihootiif kitaabilee kuma 10 ol gumaache

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Faanaa Broodkaastiing Korporeet marsaa 2ffaaf mana Kitaabaa Abrihootiif kitaabilee kuma 10 ol gumaacheera.
Hojii Raawwachiisaa olaanaan Faanaa Broodkaastiing Korporeet Obbo Admaasuu Daamxoon sirnicharratti argamuun kitaabilee kanneen laataniiru.
Kitaabileen dhaabbatichi har’a marsaa 2ffaa gumaache kunneen kan Saayinsii, Aartii,Seenaa fi qabiyyee garaagaraa qaban Afaanoota biyya keessaa fi alaan barreeffaman ta’uu ibsameera.
Kitaabileen kunneen hojjetoota Faanaa Broodkaastiing Korporeet, dhaggeeffattootaa, daawwattootaa fi deeggartootarraa kan walitti qabame ta’uu obbo Admaasuun ibsaniiru.
Sirna walharkaa fuudhinsaa kanarratti Hojii Raawwachiisaa olaanaa Faanaa Broodkaastiing Korporeet Obbo Admaasuu Daamxoo, Itti aanaa Hojii Raawwachiisaa olaanaa Obbo Abeel Addaamuu dabalatee hojjettoonni dhaabbatichaa fi qaamolee garaagaraa argamaniiru jedhame.
FBC waliigala marsaa 2’n Kitaabilee kuma 12 fi 500 ol gumaachuu ibsameera.
Abrahaama Faqqadeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment