Faanaa Broodkaasitiing Koorporeet Afaan Arabaatiin tamsaasa Teeleeviizyiin eegale

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Faanaa Broodkaasitiing Koorporeet har’aa jalqabee Afaan Arabaatiin qophiiwwan garaagaraan tamsaasa Teeleeviizyiin eegale.

Tamsaasni kunis har’a bakka Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dooktar Hiruu Kaasaw, KomishinarriKomishinii carraa hojii uumuu fi walitti qabaan Boordii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet obbo Nigisuu Xilahuun, Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii fi hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Admaasuu Daamxoo argamanitti ifatti eegalameera.

Walitti hidhamiinsa aadaa caalaatti hojii dippiiloomaasii Ityoophiyaaf tamsaasni Afaan Arabaa eegaluun faayidaa olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dooktar Hiruu Kaasaw wayita kana dubbataniiru.
Hawata Turistii, qonnaa fi damee Albuudaa giddisuuf Afaan Arabaa murteessaa ta’uu eeraniiru.

Midiyaan afaanii fi aadaa beeksisuuf shoora olaanaa qabaachuu Komishinarri Komishinii carraa hojii uumuu fi walitti qabaan Boordii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet obbo Nigisuu Xilahuun dubbataniiru.

Faanaan hundeeffama isaarraa eegalee adeemsi keessa darbe Miidiyaalee biroof barumsa ta’uu qaba jedhan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin.

Invastimantii harkisuuf, ce’umsa teeknoolojii fi waliin guddachuuf Afaan Arabaan hojii eegaluun barbaachisaa ta’uu kan dubbatan Ambaasaaddar Diinaan, Faanaan Hojii dippiloomaa hojjechuun adda duree ta’uu eeraniiru.

Afaan Arabaan hojii eegaluun dippiloomaasii lammummaa dhugoomsuf faayidaa qabaachuu hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Admaasuu Daamxoo ibsaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet guyyaa hundeeffama isaa waggaa 25ffaa wayita kabajuuf qophiirra jirutti Afaan Arabaan sagantaawwan garaagaraa Teeleeviizyiin tamsaasuu kan eegalu ta’uu ibsameera.

Hidha Haaromsaa fi itti fayyadama yaa’ichaarratti mormii fi atakaroo jiru ilaalchise namoota Afaan Arabaa dubbatanii fi sababota garaagaraan faallaa Ityoophiyaa dhaabbataniif odeeffannoo sirrii laachuuf shoora qabaachuu obbo Admaasuun ibsaniiru.

Gama biroon imaammata alaa fi aadaa Ityoophiyaa biyyoota Arabaatti beeksisuuf, dhimmoota Turiziimii, hawaasummaa fi diinadeen walqabatan irratti biyyoota Arabaa waliin hariiroo uumuuf qooda qabaachuu himaniiru.

Sagantaawwan hanga ammaatti Teeleeviizyiin Afaan Amaaraan, afaan Oromoo fi afaan Tigreen tatamsa’aa jiranitti dabalamuun sagantaan afaan Arabaa filannoo dabalataa ta’uun dhiyaatera jedhan.

Tamsaasni sagantaa afaan Arabaa kun Wiixataa hanga Jimaataatti yeroo hunda waaree booda sa’aatii 10 :00- 11:00tti ta’uu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment