Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet ayyaana hundeeffama waggaa 25ffaa kabajaa jira

Finfinnee, Sadaasa 12, 2013 (FBC) – Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet ayyaana hundeeffama waggaa 25ffaa kabajaa jira.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet ayyaana hundeeffama waggaa 25ffaa hojjettoota, qaamolee tumsitootaa fi qindeesitoota waliin qophii gara garaan kabajaa jira.

Faanaan waggoota 25 darban damee raadiyoon FM dabalatee tamsaasoota biyyaalessaan oduu fi sagantoota gara garaan dhaggeeffattootan ga’a tureera.

Kanaanis, sagantaalee waqtaawaa, bashanansiisoo fi barsiisoo dhiyeessuun dhaggeeffatootaan ga’eera.

Dabalataaniis, karaalee miidiyaa hawaasaan hordooftoota hedduu kan horate yoo ta’u, tamsaasa tevevizhinii dhiyeenyatti eegaleen afaan gara garaan gara daawwattootaa ga’aa jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment