Faalama naannoo hir’isuun, naannoo qulqulluu magariisaafi jireenyaaf mijattuu taate dhaloota haa dhaalchisnu- Abbaa Taayitichaa

Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa faalama naannoo hir’isuun, naannoo qulqulluu magariisaafi jireenyaaf mijattuu taate dhaloota haa dhaalchisnu jechuun dhaamsa dabarse.

Daawwannaan miidiyaalee magaalaa Moojoofi naannoosheetti, mata duree “Faalama naannoo hir’isuun, naannoo qulqulluu magariisaafi jireenyaaf mijattuu taate dhaloota haa dhaalchisnu” jedhu qopheessummaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaatiin geggeeffamaa jira.

Daawwannichi komiiwwan balfa naannoo faalan irratti hawaasaan ka’aa turan hagam deebii argatan? Kan jedhu kan itti ilaalamuudha.

Daawwannaan kanaanis, Warshaa Uccuu Kaanooriyaa, Warshaan Qonna Abaaboo Dasaafi “filooreeseensii” akkasumas warshaan Gogaa Zaangizingi kan daawwataman ta’uu himameera.

Daawwannicharrattis Daarekteera Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa obbo Sefeddiin Mahadii dabalatee, qaamoleen hawaasaa, miidiyaaleen, abbootiin qabeenyaa, ogeessonni miidiyaa fi anga’oonni mootummaa garaagaraa argamaniiru.

Dinqaa Baacaa’tu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment