Faalama addunyaaf gahee olaanaa kan qooddatan Ameerikaa fi Chaayinaan dhimmicharratti mari’achuufi

Finfinnee, Adoolessa 9, 2015 (FBC)-Addunyaarratti dhiibbaa jijjirama qabeenya qilleensaaf gahee olaanaa kan qaban Ameerikaa fi Chaayinaan dhimmicharratti xiyyeeffannaan mari’achuuf ta’uun ibsame.

Qabeenya qilleensaa irratti ergamaan Ameerikaa Joon Keerii gita isaanii Zhii Zheenwaan waliin mari’achuuf guyya har’aa gara Chaayinaatti imaluu AFP’n gabaaseera.

Biyyoonni lameen, indaastiriin kan guddatanii fi faalama qilleensaaf gahee olaannaa kan qaban Ameerikaa fi Chaayinaan kanaan duras, dabaluu hoo’a addunyaa irratti marii eegalanii addaan dhaaban, irra deebiin xiyyeeffannaa kennuun eegalu jedhameera.

Joon Keeriin gara Chaayinaatti imaluun isaanii akka kanaan duraa marii jijjiirama qabeenya qilleensaarratti murtoo fi bu’aa argamsiisuurratti xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Bara darbe, Ameerikaa fi Chaayinaan jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti mari’achuuf waltajjii taa’anii turuun kan yaadatamuudha.

Haa ta’u malee, Afyaa’iin Mana Maree Ameerikaa Naansii Piiloos Taayiwaaniin daawwachuu isaanii hordofee, Chaayinaan mormii dhageessiisuun mariin jijiirama qabeenya qilleensaa biyyoota lameen gidduutti adeemsifamaa ture xumuraa utuu hinargatin tureera jedhame.

Joon Keeriin aanga’oota Chaayinaa waliin turtii qabaataniin, yaa’ii jijiirama qabeenya qilleensaa Gamtaa Emereetota Arabaatti Sadaasa dhufu gaggeeffamu milkaa’aa taasisuuf ni mari’atu jedhameera.

Bara faranjootaa 2023’tti, dhiibbaa fi dabaluu hoo’ina addunyaa hambisuurratti kan xiyyeeffate Yaa’iin Jijjiirama Qabeenyaa Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 28ffaan Gamtaa Emereetota Arabaatti gaggeeffama.

Yaa’icharratti biyyoonni 200 ol ni hirmaatuun eegama jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment