Faaddaaltota seeraan alaan biyyaa ba’uuf kan turan dargaggoonni 100 ol to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaala Goondaritti faddaaltota seeraan alaan biyyaa bafamuuf turan kan jedhaman dargaggoonni 100 ol to’annoo jala ooluu Poolisiin beeksise.
Ajajaan Buufata Poolisii 3ffaa Bulchinsa Magaalichaa Komaandar Dassaalanyi Abarraa, Magaalan Goondar Sudaanitti dhiyoo waan taateef, biyyaa alaatti isin geessina jechuun kutaalee biyyattii garagaraarraa kan dhufan dargaggoota gowwoomsuun kan naannawichatti fidan ta’uu eeru.
Dargaggoota kanneenis daandii garagaraan gara Sudaanitti hanga geessanitti manneen kireeffataniitti mirga namoomaa isaanii sarbuun ugguraanii akka tursan himaniiru.
Har’as, kutaalee biyyatti garagaraa fi Ertiraarraa dargaggootaa walitti qabuun, gara Duubaayitti isin geessina jechuun maallaqa fidaa jechuun wayita isaan dirqisiisanitti dargaggeessi tokko miliquun eeruu poolisiif kenneen dubartoota 97 fi dhiira 14 to’atachuu eeraniiru.
Dargaggoonni kunneen mootummadhaan gara biyya alaa baatu jedhamanii gowwoomsaan akka dhufan eeruun, Magaalaa Goondariin erga ga’anii booda garuu namoota waliin akka walhinarginee fi maati keessan irraa maallaqa fidaa jechuun akka dirqamsiisaanii turan eeraniiru.
Reebichi kan irratti raawwatamaa ture ta’uu kan eeran dargaggoonni kunneen, baatii tokkoof gochaan suukanneessaan akka irratti raawwataa ture eeraniiru.
Gochaa kana kan raawwatan to’annoo seeraa jala oolchuuf humni ittisaa daddabarsaa seeraan alaa hojjechaa jiraachuu kan eeraan Komaandar Dassaalanyi, daraggoonni kunneenis gara qe’ee isaanitti akka deebi’aniif sochiin eegalameera jedhan.
Baatii kana haala walfakkaataadhaan biyyaa alaa ba’uuf kan turan dargaggoota 150 gara maatii isaaniitti deebifamuu fi namoota gochaa kanarratti hirmaataniiru jedhaman ja’a to’achuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Balaayinee Zalaalamtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment