F/M Birhaanuu Juulaan Korporeeshinii Indaastirii Injinariingii Raayyaa Ittisaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC) – Jilli Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaan durfamu hojiilee Korporeeshinii Indaastirii Injinariingi Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti hojjetaman daawwataniiru.

Korporeeshiniin Indaastirii Injinaaringi erga bifa haaraan hojii eegalee indaastiriiwwan haaraa fi duraan turan qabachuun teknooloojjiiwwan waraanaa oomishuu, ammayyeessuu, meeshaalee waraanaa guguddoo fi giddugaleessaa akkasumaas Rookkeettiiwwan garaagaraa oomishaa.

Korporeeshinichi Egzibiishinii guyyaa lamaf turu kan qopheesse yoo ta’u, Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan banuun eegalchiisuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment