Ergamni Mana Marichaa akka milkaa’uuf xiyyeffannoon ni hojjetama-Afyaa’ii Agaanyaw Tashaagar

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)- walqixxummaa fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf ijaarsa dandeettii raawwachiisummaa cimsuun ergamni Mana Maree Federeeshinii akka milkaa’uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Afya’iin Mana marichaa Agaanyaw Tashaagar ibsaniiru.

Koreen Qindeessituu Mana Marichaa karoora bara bajataa 2017 mana marichaaf dhiyaate gamaaggamuun raggaasiseera.

Afyaa’ii Agaanyaw gamaaggamicharrati haasawaa taasisaniin, walqixxummaa fi fayyadamummaa Uummataa mirkaneessuuf ijaarsa dandeettii raawwachiisummaa cimsuun ergamni mana marichaa akka milkaa’uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment